Posts

Seenaa Gabaabaa Jaal Laggasaa Wagii

Image
  Seenaa Gabaabaa Jaal Laggasaa Wagii Gootichi Oromoo Jaal Laggasaa Wagii Abbaa isaanii Obbo Wagii meettaaf haadha isaanii aadde Buzunash Ayyaanaa irraa Bara 1965 lixa shawaa koonyaa mannaa Aanaa meettaa roobii, #SHINOO ganda Kuyyuu Gicii jedhamtu keessatti dhalate. Akkuma umuriin isaanii barnootaaf ga’een barnoota isaanii sadarkaa jalqabaa kutaa1-4tti mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Bakkanee jedhamtutti barate. Barnoota isaanii kutaa 5-8 mana barumsaa Incinniitti sadarkaa 1ffaatti barate. Sana booda gara finfinnee dhufuun barnoita isaanii kutaa 10-11tti barate. Sana booda barnoota accaadaamii (idilee) barnoota makaanikummaaf konkolaachisummaa barate. kunis Bara 1975 keessa ture. Ogummaa isaa kanaanis Hojiiwwan gara garaa irratti bobba’uun hojii adda addaa hojjachaa ture jaal Laggasaa Wagii. Jaal Laggasaan Hojiiwwan adda adda irratti bobba’ee Magaalaa Dirre Dawaa keessa waggoota 7f kan jiraate yoo ta’u hojiidhuma kanaaf meeshaalee daldala adda adda dhiha Oromiyaatt deddeebisaas ture. Ja

EBLA 15. GUYYAA GOOTOTA OROMOO!

Image
 EBLA 15. GUYYAA GOOTOTA OROMOO! Guyyichaatu guyyaa addaati. Guyyaa Oromootatti kabaja horeedha. Guyyaa oromummaan takkittiin itti mirkanoofteedha. kanaaf kabaja qaba. gootatu seenaa hojjata seenaatu goota dubbata. Gootatu biyyaaf ofwareega, sabasaaf aarsaa lubbuu kaffala. Sabni immoo goota isaan dhaadata, bara baraan maqaa isaa yaadata,seenaa isaas haaromsaa deema. Ebli 15 seenaa oromoo keessatti iddoo addaa qaba. Guyyaa gootota oromoo jedhamees kabajama. Guyyaa kanatu guyyaa ilmaan oromoo kan bahaa, kan dhihaa, kan kaabaa fi kan kibbaa, booranaa fi bareentuu, kiristaanaa fi muslima, yookaas waaqeffataa osoo hin jedhin, oromummaa takkittii ganamaa san qofaaf, nuti dhiigaa fi lafeen teenya takka jechuun boolla takkatti dhiigaaf lafee isaanii walitti makanii oromoo takkittii ijaaranii seenaa dhiigaaf lafeen barreessanii darban. guyyaa sanii eegalee, oromoo amantiin, kutaan, gandaan, gosaan addaan qooduun caphxe. Kanaaf guyyaan kun guyyaa ulfaataadha. ✍Ebili 15 erga bara 1980 irraa eegal