EBLA 15. GUYYAA GOOTOTA OROMOO!

 EBLA 15. GUYYAA GOOTOTA OROMOO!

Guyyichaatu guyyaa addaati. Guyyaa Oromootatti kabaja horeedha. Guyyaa oromummaan takkittiin itti mirkanoofteedha. kanaaf kabaja qaba. gootatu seenaa hojjata seenaatu goota dubbata. Gootatu biyyaaf ofwareega, sabasaaf aarsaa lubbuu kaffala. Sabni immoo goota isaan dhaadata, bara baraan maqaa isaa yaadata,seenaa isaas haaromsaa deema.

Ebli 15 seenaa oromoo keessatti iddoo addaa qaba. Guyyaa gootota oromoo jedhamees kabajama. Guyyaa kanatu guyyaa ilmaan oromoo kan bahaa, kan dhihaa, kan kaabaa fi kan kibbaa, booranaa fi bareentuu, kiristaanaa fi muslima, yookaas waaqeffataa osoo hin jedhin, oromummaa takkittii ganamaa san qofaaf, nuti dhiigaa fi lafeen teenya takka jechuun boolla takkatti dhiigaaf lafee isaanii walitti makanii oromoo takkittii ijaaranii seenaa dhiigaaf lafeen barreessanii darban. guyyaa sanii eegalee, oromoo amantiin, kutaan, gandaan, gosaan addaan qooduun caphxe. Kanaaf guyyaan kun guyyaa ulfaataadha.

✍Ebili 15 erga bara 1980 irraa eegalee sabboontota ilmaan oromoon bara baraan ni yaadatama, ni kabajamas. Guyyaa goototaa jedhamees kabajama. Kan wareegameetu goota. Ilmaan oromoo roorroo fi gabrummaa saba isaaniif falmaaf jecha,kan diinni biyya isaanii irra dhaabbii dhoorge, hoggantoota gurguddoo warraaqsa sabichaattu wareegame. ABO kallacha qabsoo bilisummaa oromoo kan ta'antu, oromummaa fi hiikaa qabsoo dhiigaaf lafeen dhalootaaf lafa kaa'ee dabre. Hoggantoota ABO guyyaa sana wareegamantu, dhaloonni kaayyoo fi faajjii isaanii fuudhee hanga hardhaatti akka falmatuuf bu'uuraa fi riqicha ta'e. Kanaaf qabsoon saba oromoos hanga bilisummaatti fincila hin cinne ta'e. guyyaa kana oromoonni yeroo yaadatan ABO yaadachuun hin hafu. Eessarraa akka kaanee fi eessa akka jirru of ilaaluun hin hafu. Guyyaa sanii fi guyyaa hardhaas walcinaa qabuun hin hafu. Gootota sanii fi ofii keenyas walbira qabuun hin hafu.

✍Ebla 15 guyyaa goototaati. guyyaa gootaa gootatu kabaja. Saba goonni wareegameeftu kabaja. gantuun, fakkaattuun, goobantuun gaafa guyyaa gootaa kabajan qe'ee hin ooltu. Haasaa akkasii dhagahuu hin feetu. Yoo waan gootaa dubbatan dhiigatu danfa. dhiibbaa dhiigaatu olka'a. Mataatu naanna'a. Warri goobantummaan ciccimoo ta'an immoo kootii sabboonummaa uffatanii kabaja guyyaa kanaa qeequuf sabboontota haqaa irratti waraana gantummaa banu. Ta'us garuu hattuun ofitti hin amantu waan ta'eef, osoo isheen wixxifattu sabni baldhaan oromoo ayyaana ilmaan sabboontota isaaf wareegamanii waggaa afurtamaatti dhihaatuuf osoo addaan hin kutin kabajachuu danda'ee jira.

✍Qabsaa'an yoo kufes qabsoon hin kuftu, galma geessu malee. Ilmaan oromoo ebla 15 Walabummaa fi bilisummaa sabaaf wareegamanis kaayyoo isaanii dhalootaf dabarsanii darban. kaayyoon isaanis lafatti hin hafne. Ilmaan oromoo faajjii fi kaayyoo isaanii fuudhanii wareegama lubbuu kaffalanii hardhaan gahaniiru. Hardhas kufanii kuffisaa jiru.

✍Ummanni oromoo gaafa guyyaa kana kabaju kaayyoo qabsoo wareegamtoota sanaa yaadachuun kabajuu qaba. Kaayyoo isaanis galmaan gahuuf kabajuu qaba. ABOs yaadachuu qaba. Warra hardha aarsaa kaffalaa jirus yaadachuu qaba. Diinni gaafa san ilmaan oromoo biyyarraa bahaniif hardhallee akka jiru hubachuu qaba. Kanaafis qabsoo waraana bilisummaa oromoo, haftee Jaal Magarsaa Barii faana hiriiruun hiree isaa murteeffachuu qabaan dhaamsa kooti.

✍Seenaa qabsaa'ota ebla 15 gulaaleen deebi'a. Irra deebi'een baga geessan isiniin jedha!!

✍💪💪Falmaan itti fufa, Gabroomfataanis ni kufa, Guyyaan walabummaas ni dhufa!!!



Comments

  1. Guyyaa Yoomuu hindagatamneef tokkummaa Oromoo Itichedha!! Ulfaadhu atilleen baga geesse!!

    ReplyDelete
  2. Guyyaa Yoomuu hindagatamneef tokkummaa Oromoo Itichedha!! Ulfaadhu atilleen baga geesse!!

    ReplyDelete

Post a Comment

Popular posts from this blog

Seenaa Gabaabaa Jaal Laggasaa Wagii