Seenaa Gabaabaa Jaal Laggasaa Wagii
Gootichi Oromoo Jaal Laggasaa Wagii Abbaa isaanii Obbo Wagii meettaaf haadha isaanii aadde Buzunash Ayyaanaa irraa Bara 1965 lixa shawaa koonyaa mannaa Aanaa meettaa roobii, #SHINOO ganda Kuyyuu Gicii jedhamtu keessatti dhalate.
Akkuma umuriin isaanii barnootaaf ga’een barnoota isaanii sadarkaa jalqabaa kutaa1-4tti mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Bakkanee jedhamtutti barate. Barnoota isaanii kutaa 5-8 mana barumsaa Incinniitti sadarkaa
1ffaatti barate. Sana booda gara finfinnee dhufuun barnoita isaanii kutaa 10-11tti barate. Sana booda barnoota accaadaamii (idilee) barnoota makaanikummaaf konkolaachisummaa barate. kunis Bara 1975 keessa
ture. Ogummaa isaa kanaanis Hojiiwwan gara garaa irratti bobba’uun hojii adda addaa hojjachaa ture jaal Laggasaa Wagii.
Jaal Laggasaan Hojiiwwan adda adda irratti bobba’ee Magaalaa Dirre Dawaa keessa waggoota 7f kan jiraate yoo ta’u hojiidhuma kanaaf meeshaalee daldala adda adda dhiha Oromiyaatt deddeebisaas ture. Jaal Laggasaa Wagii Obbolaa shan (5)kan qabuudha. Eaxabajjii 27,1987 haadha Warra isaanii Aadde Wayinsheet Geetahuunin fuudhe. Haadha Warra isaanii kana irraas ijoollee durbaa Sadi(3) kan maqaan isaanii
1. Bilisummaa Laggasaa
2. Firehoot Laggasaa
3. Natsaannat Laggasaa jeshaman horate.
Jaal Laggasaa Wagii jaalala fi fedhii huddaa uummata Isaaf qabu akkasumas hacuuccan uummata isaarraa ga’u Boqonnaa waan isa dhorkateef bara1990 Maatii isaa jaallatu dhiisee dhiha Oromiyaa deemuun qabsoo bilisummaa hoogganummaaABO tin gaggeeffamutti dabalame.
Bara 1991 barumsa siyaasaa fi leenjii waraanaa marsaa 18ffaa gahumsaan baratee xummuratee dirree dhihaattu iseensa ABO Oromoo ta’e.
Dammaqiinsaa fi hubannoo Jaal Laggasaan qaburratti hundaa’un Dhaaba keessatti barumsaa dabballummaa baratee Bara 1991tti bakka Beelmuguu
jedhamtutti barate. Akkuma baratee ba’een Dirqama dabbalummaa Zoonii Begiitti Ramadame. Zoonii kana keessatti dirqama dabballumaagahumsaa osoo nagaa jiruu Mootummaan dargii kufe. Dhaabni dandeettii fi gahumsa isaa ilaaluun Ona Qaaqeetti dirqama bulchiinsaa itti ramade. Bukchaa onaa
kana yeroo turetti kaayyoo Adda bilisummaa Oromoo (ABO) ifannaa tokko malee uummata barsiisaa ture.
Kanaanis fakkii guddaa ta’uu isaatti miseensotaa fi uummata Oromoo biratti kabajaa fi jaalala guddaa nama horatee dha. ABO’n Mootummaan ce’umsaa keessa akka ba’een waraanaa ABO naannoo jiranitti makamuun gahumsaan lolee lolchiisaa nama turee dha.
Jaal laggasaan Falma diina waliin godhamu haga walakkeessa 1993tti itti fufuun of ijaaruuf human daangaa Suudanii fi Itiyoophiyaa ba’e waliin ture.1994tti human ijaaramee walakkeessa dhiha Oromiyaatti deebi’e keessa isa tokko ture Jaal Jaal Laggasaa Wagii WBO’n (waraanni bilisummaa
Oromoo) diina waliin falma hashaawwaa itti fufuun
Bara 1997keessa yerootti Mootummaan cunqursaa wayyaanee magaalota akka Suudan, Kumuruk, Giizan rukuttee qabattu xurreen dhiheessii akka hin cufamneef humna of duuba daangatti deebi’e keessa ture.
Bara 1998tti Sadarkaa miseensummaa irraa hanga qondaala waraanaa
olaanatti dirqama fudhatee qabsaawaa dhugaan qabsaawaa fi qabseessaa tureedha
Bara 1998miseensa ABO Leenjii addaaf gara biyyoota ollaatti ergaman keessas ture. Leenjii isaa xumuratee haga ramadamutti Oromoota biyyoota ollaa (ormaa) keessa jiran akka ijaaruf dirqamni dhaabarraa itti kenname. Akka kanaanis tattaaffii Jaal Laggasaan taasiseen Bara 2000 keessa Oromoota biyyoota ollaa keessa jiran walitti qabuun ''Waldaa hawaasa Oromoo Eertiraa” ijaare. Qabsoo ABO irraas qooda akka fudhatan taasisaa ture.
Jaal Laggasaan Wagii bakkaa fi haalota dirqamni qabsoo isa feetu hundatti qooda olaanaa nama kennaa tureedha. Akkasumas dirqama isatti kenname
hunda nama gahumsaan bahaa tureedha. Akkaauma kanan jaal Laggasaan Bara 1998,1999 irraa kaasee itti aanaa moonaa leenjii waraanaa waliigalaa ta’uun nama hojjachaa tureedha.
Bara 2000 irraa kaasee haaromsa waraanaa, Siyaasaa fi tikaa erga barateen
booda ajaja WBO Zoonii dhihaa jaal Irreessaa Caalaa jalatti ajaja bobbaa fi quunnaamtii dhiha Oromiyaa ta’uun. Bara 2002, dirqama dhaabaa fudhatee gara dirree dhihaatti moonaa leenjii waraanaa waliigalaa dhaabicharraa bobba’ee. Sochii Seenaa qabeessaa fi Mootummaan wayyaanee raasaa WBO’n 2002 on Baddallee, Dhiha Oromiyaa, Qebbee, Gidaamii, Dambi Doolloo, Mandii fi Begii keessatti ta’aa turan keessatti akka ajaja waraanaa fi siyaasaatti hoogganummaa mul’ata qabuu nama kennaa tureedha. Erga ajajaan waraanaa Zoonii dhihaa jaal irreesaaa Caalaa Wareegameen
booda sadaasa 11,2008tti hoogganaa waraanaa (ajajaa) waraanaa Zoonii dhihaa Oromiyaa ta’uun falma hadhaawaa gootummaan guutameen diina
waliin gochaa,hooggasa waraanaa fi siyaasaa nama kennaa tureedha.
Jaal Laggasaan dirqama sadarkaa adda addaa irra ture keessatti Mootummaan, cichoomminaan kan obsaan dirqama isaa kan nagaa ture fi fakkeenyummaa guddaan miseensotaa fi qondaaltota, hoogantoota ABO, qabsaawotaaf Sabboontota, akkasumas ummata Oromoo hundaaf ta’ee nama darbeedha jaal laggasaan.
Jaal laggasaan dirqama dhaabaa fudhatee Zoonii dhihaa waan tureef Korabsabaa (KS) ABO 3ffaa 2004 irratti hirmaachuu baatus bakka inni hin jirretti miseensa gumii sabaa ABO ta’uun filamee ture. Dirqamaf itti gaafatamummaa dachaa itti kenname hanga wareegama lubbuu kennuutti Goota qabsoo ta’uu isaa mirkaneessee ture.
Jaal laggasaan bilchinaa fi gootummaa isaan Oromoota hunda biratti
jaalatama guddaa nama qabuu fi kan baay’ee jaallatamuudha. Akkasumas jaal laggasaan diina biratti Abbaa malaa fi tooftaa ta’uu isaa diinonni isaayyuu osoo hin jaallatin kan ragaa a’aniidha.
kana malee jaal laggasaan diinota biratti kan baay’ee sodaatamu, gootummaaf gootummaa isaan kan baay’ee jaallatamuuf kabajamuudha. Mootummaan gita bittuu ilmaan tigraayi (TPLF) wayyaaneen yeroo adda addatti humnashii kumaatamaan lakkayaman meeshaa gurguddaa fi humni
qilleensaallee osoo hin hafin duulaa fi sakkataa adda addaa yerootti Zoonii dhihaa keessatti bahaa turtetti Waraanaa ABO (WBO) Hooganuun hoonsa cimaa kennuun lolaa fi lolchiisaa humna diinaa dirree lolaa irratti qindeessee Diina qaanessee gootummaa WBO kan mirkaneessaa lolaa fi lolchiisaa turan. Jaal Laggasaa Wagiif jaallan isa waliin lolaa fi lolchiisaa, diina kuffisaa fi kufaa turaniidha. Mammiiksi Oromoo namni gaafa dhalate du’a Goonni yeroo tokko du’a dabeessii garuu lamaaf sana ol du’a. Ammoo lubbuun dhugaaf Haqaaf jedhamee ba’u akkasumas lubbuun haqa ofiif, akkasumas wareegamni kabaja uummata ofiif jedhamee kanfalamu kan Seenaa Bara baraan yaadatuudha.
Wareegamni lubbuu qaalii taate mirga sabaaf biyya ofiif kanfalamu wareegama akka garaa ulfaatu kan seenaan Bara baraan yaadataa hafuudha. Mirgi saba ofii akka kabajamu, abbaan biyyummaa uummata oromoo mirkanaa’u taasisuuf waan hunda Caalaa Mootummaan murteessaa dha. Sadarkaan gootummaa inni dhumaa wareegama lubbuu ofii mirga saba ofiif biyya ofiif kanfalamuu dha.
Jaal laggasaanis wareegama lubbuu qaalii taate tana kennuun kabajamuu saba isaatiif Abbaa biyyummaa Oromoo Goota of kenne waan ta’eef Seenaan isaa yoomiyyuuu Bara baraan kan yaadatamuu dha.
Jaal Laggasaan dirqama sabummaa kan beela’e, dheebodhe, dadhabe, gara ba’uu, daggala cabsuu ifatti osoo hin jenne baddaaf gammoojjii keessatti roobaaf, qorraaf aduu osoo hin jenne rakkoo qabsoo hadhooftuu kana hunda waggoota kana hundakaayyoo kabajamaa kanaaf qooda olaanaa kennaa turuun ammoo Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti iddoo olaanaa akka qabaatu isa taasisa. Qabsaa’ota bilisummaafis fakkii guddaa ta’ee jira. Dhiigni Jaal Laggasaa dhangala’e dhiiga akkasumaan dhangala’ee hafeef hafu osoo hin taane dhiiga bilisummaa saba keenyaa dhiheessuuf umurii gabrummaa gabaabsu waan ta’eef Oromoota biratti kabajaaf guddaan kan ilaalamuu dha.
Gumaan gooticha keenya gooticha dirree lolaa Jaal Laggasaa Wagii qabsaa’ota haqaa qabsoo bilisummaa saba isaanii falmaniin dachaa kan baafamuu, akeekniif kaayyoon Jaal Laggasaa Wagii falmaa fi ture galmaan ga’uun akka mirkanaa’u mamiin takkallee hin jirtu. Kun imaanaa dhalootaa ti.
DHIIGNI GOOTAA DHANGALA’U GOOTA BIQILCHA!!!!
Qabsaawan Ni Kufa Qabsoon Itti Fufa!!
Comments
Post a Comment