Seenaa Gabaabaa Jaal Laggasaa Wagii
Seenaa Gabaabaa Jaal Laggasaa Wagii Gootichi Oromoo Jaal Laggasaa Wagii Abbaa isaanii Obbo Wagii meettaaf haadha isaanii aadde Buzunash Ayyaanaa irraa Bara 1965 lixa shawaa koonyaa mannaa Aanaa meettaa roobii, #SHINOO ganda Kuyyuu Gicii jedhamtu keessatti dhalate. Akkuma umuriin isaanii barnootaaf ga’een barnoota isaanii sadarkaa jalqabaa kutaa1-4tti mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Bakkanee jedhamtutti barate. Barnoota isaanii kutaa 5-8 mana barumsaa Incinniitti sadarkaa 1ffaatti barate. Sana booda gara finfinnee dhufuun barnoita isaanii kutaa 10-11tti barate. Sana booda barnoota accaadaamii (idilee) barnoota makaanikummaaf konkolaachisummaa barate. kunis Bara 1975 keessa ture. Ogummaa isaa kanaanis Hojiiwwan gara garaa irratti bobba’uun hojii adda addaa hojjachaa ture jaal Laggasaa Wagii. Jaal Laggasaan Hojiiwwan adda adda irratti bobba’ee Magaalaa Dirre Dawaa keessa waggoota 7f kan jiraate yoo ta’u hojiidhuma kanaaf meeshaalee daldala adda adda dhiha Oromiyaatt deddeebisaas ture...